Baga nagaan dhuftan gara Manzara Blog! 👋Addunyaan har’a teknooloojii fi miidiyaa dijitaalaan baay’ee saffisaan jijjiiramaa jirti. Yeroo ammaa kana, teknoolojiin meeshaa bashannanaa qofa osoo hin taane, humna daldalaa, barnootaa fi walqunnamtii uumuudha.Nuti dargaggoota Manzara keessatti, carraan guddaan nuuf banaa jira
. Akkamitti?1. Barnoota fi Beekumsa Qooduu 📚Kutaa kana keessatti waa’ee barnoota diinii, saayinsii, fi teknooloojii adda addaa barreeffamoota qopheessina. Namni tokko waan beeku qooduun, namni biraa immoo irraa barachuun guddina waliinii fiduuf qophaa’ee jira.
2. Ogummaa fi Hojii Dandeettii 🛠️Programming, Web Development, Design, fi kkf barachuun carraa hojii uumuu dandeessisa. Manzara keessatti barachuun fi barsiisuun 100% bilisa ta’eera.
3. Daldala fi Of-Danda’uu 💼Daldala shari’aan hayyamame raawwachuun, oomisha keessan addunyaatti beeksisuu dandeessu.
4. Oduu fi Hawaasummaa 🌍Oduu dhugaa fi hawaasa keenya keessatti wantoota ta’aa jiran qooduun, hubannoo keenya ni babal’isa.Kaayyoon Manzara maali?”Barachuu, barsiisuu, qooduu fi waliin guddachuu.”Kanaaf, fayyadamaan hundi seera fi heera appii keenyaa kabajuun, hawaasa nagaa, dhugaa fi beekumsa qabu ijaaruu qabna. Zinaa, arrabsoo, lolli, soba fi waan seeraan alaa ta’e guutummaatti dhorkaa dha.Mee nu waliin haa barannu, haa guddannu! Yoo yaada qabaattan, ykn barruu maxxansuu barbaaddan, nuuf barreessaa.
Leave a Reply